Waa'ee Keenya

Waldaan Aksiyoonaa Biiftuu Addunyaa bara 1986 ALI maqaa Biiftuu Diinshoon hundeeffamee hojiiwwan adda addaa kan hojjechaa ture yoo ta’u, bara 2000 ALI maqeeffama haaraa Waldaa Aksiyoona Bizinasii Biiftuu Addunyaa tiin Indoownmantii Tumsaa Misooma Oromiyaatiif, Waldaa Aksiyoonaa Biiftuu Oromiyaa, Dhaabbata ofgargaarsaa Oromiyaa, Dinshoo waldaa dhuunfaa Ittigaafatamummaan isaa murtaa’e ( yeroo ammaa kan “liqudate” ta’e) fi abbootii qabeeyaa lamaan qarshii 16,375,000.00 tiin irra deebi’ee hundaa’e.

Yeroo ammaa dhaabbatichi sadarkaa guddinaa irra gaheen bal’anaan ummata keessa seenuun magaalota naannichaa murteessoo ta’an keessatti giddugala gurgurtaa banuun yeroodhaa gara yerootti kenniinsa tajaajilaa, qaqqabiinsaa fi bu’a argamsiisuun guddina agarsiisaa jira. Keessummattuu yeroo gabaabaadhaa as dhiyeessii fi gurgurtaa zayita nyaataa, qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaatiin sadarkaa ol’aanaatiin ummata tajaajilaa jira. Muuxannoowwan daldala galii fi bahii idiladdunyaa guddifachuuf omishaalee fi tajaajilota dhaabbatichaa konfaransiiwwanii fi baazaarota biyyakeessaa fi biyya alaa irratti beeksisuu irratti jalqabbiin jiraachuu; miseensa omisha gabaa Itoophiyaa ta’uudhaan ofiin bittaa gurgurtaa hojjechuu eegaluu; gurgurtaa omishaalee dhaabbatichaa caalmaatti mijeessuuf sabquunnamtii ummataatti fayyadamuun bekisoota darbaniin ummata bira gahuuf tattaaffiin taasisaa jiru akka jalqabbii gaariitti kan ilaalamudha. Hundaa ol dhaabbatichi yeroo ammaa Biiroolee Mootummaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Federaalaa, Dhiyeessitoota, Maamiltootaa fi Fayyadamtoota akkasumas dhimmamtootaa fi deeggartoota bebbeekamoo waliin adeemsa walitti dhiyeenyaan hojjechuun qaawwota hojimaataa quunnaman yeroo yeroon hiikaa deemuun jalqabamuu; sirna hojimaataa sadarkaa guddinaa dhaabbatichi irra gahee waliin kan walsimu fi hojjechiisuu danda’u diriirsuuf qajeelfamootaa raawwii fi maanuwaalota human keessoo isaatiin qopheessuun adeemsa milkaa’ina dhaabbatichaa fuuladuraaf haala gaarii uumaa jira. Haala fedhii maamiltoota giddugaleessa godhateen hojii daldalaa hojjechaa jiru babbal’isuun dhaabbaticha bu’a qabeessa taasisuun kaayyoo ittiin dhaabbate galmaan ga’uuf galteewwan qabeenyaa fi namaa qindeessuun hojiiwwan daldalaa alaa fi keessaa akkasumas gurgurtaa tajaajilaa bara baajataa 2010tti galii qarshii 2, 895,929,994.01 walitti qabuun bu’a qulqulluu qarshii 133,791,796.85 buufachuuf karoorfateera. Galma ga’iinsa kaayyoo kanaaf waltajjii gamaggama kurmaana sadaffaa bara baajataa 2009 qooda fudhattootaa waliin taasifameen dhimmoota addaddaa akka galteetti fayyadamuun akkasumas qorannoo fi sakkata’iinsa gabaa barbaachisoo ta’an gaggeessuun sibiila armaata, simminttoo fi isteeshinarii; kurmaana lammaaffaa bara bajata kanaa keessatti qorannoo bu’a qabeessummaa omisha dammaa alerguu fi raabsa bajajii akkasumas ittifufiinsaan omishaalee biroof bu’a qabeessummaa gabaa qorannoo mirkaneessuun raawwachuuf karoorfamee jira.

Dudhaalee Keenya

Ergama

Mul'ata

Sonaalee

Human namaa dhbbatichaa gamteessuun, Teekinooloojii ammayyaatiin gargaaramuun, oomishaalee fi tajaajiloota sadarkaa ol’aanaatiin fedhii maamiltootaa guutan qulqulinaan dhiyeessuufi dhaabbatichi sadarkaa Idiladdunyaatti dorgomaa taasisuun misooma dinagdee fi hawaasummaa akka naannoo fi biyyaatti gahee ol’aanaa bahuu danda’uudha.

Dhaabbatichi dame daldalaa fi tajaajilaatiin dorgomaa Idiladdunyaa ta’ee arguudha.

  • Mamilaaf ilaalcha ol’aanaa
  • Qulqulina
  • Qophaa’ina barachuu fi jijjiiramuu
  • Iftoomina
  • Haqummaa
  • Iccitii eeguu
  • Olaantummaa seeraa kabajuu/ seera, dambii fi qajeelfama bu’aaf
  • Ittigaafatamummaa
  • Kiraasassaabdummaa lagachuu