×

Error message

  • Warning: mysqli_connect(): (HY000/1045): Access denied for user 'biftuadu'@'localhost' (using password: YES) in eval() (line 5 of /home2/biftuadu/public_html/or/modules/php/php.module(80) : eval()'d code).
  • Warning: mysqli_query() expects parameter 1 to be mysqli, boolean given in eval() (line 7 of /home2/biftuadu/public_html/or/modules/php/php.module(80) : eval()'d code).
  • Warning: mysqli_fetch_array() expects parameter 1 to be mysqli_result, null given in eval() (line 8 of /home2/biftuadu/public_html/or/modules/php/php.module(80) : eval()'d code).

Seensa

Waldaan Aksiyoonaa Biiftuu Addunyaa bara 1986 ALI maqaa Biiftuu Diinshoon hundeeffamee hojiiwwan adda addaa kan hojjechaa ture yoo ta’u, bara 2000 ALI maqeeffama haaraa Waldaa Aksiyoona Bizinasii Biiftuu Addunyaa tiin Indoownmantii Tumsaa Misooma Oromiyaatiif, Waldaa Aksiyoonaa Biiftuu Oromiyaa, Dhaabbata ofgargaarsaa Oromiyaa, Dinshoo waldaa dhuunfaa Ittigaafatamummaan isaa murtaa’e ( yeroo ammaa kan “liqudate” ta’e) fi abbootii qabeeyaa lamaan qarshii 16,375,000.00 tiin irra deebi’ee hundaa’e.

Waldaan Aksiyoonaa Biiftuu Addunyaa qonnaan bulaan Harargee bahaa fi Harargee lixaa faayidaa omishaa jimaa irraa argamu irraa kallattiin fayyadamaa taasisuuf yaadamee dhaabbata hundeeffame yoo ta’u, adeemsa keessa qonnaan bulaa naannichaa fedhii callaa guddistuuwwanii jechuun qorichoota farra Ilbiisaa fi farra Aramaa, xaa’oo fi sanyii filatamaa guutuuf hojjechaa tureera.

Dhaabbatichi daldala Alergee jimaatiin hojii daldalaa eegalame babal’isuudhaan waggoota dhiyootii as sochiiwwan daldalaa fi taajaajilaa caalmaan bal’isuudhaan Qorichaa Fi Meeshaawwan Wal’aansaa Addaddaa, Zayita Nyaataa Paalmii, Dhiyeessii, Suphaa Fi Haaromsa Meeshaalee Galmeessa Gurgurtaa, Waraqaa Maramaa Tajaajila Meeshaalee Galmeessa Herregaa, Sibiila Armaataa, Ibsaawwan Soolaarii addaddaa, Liiftii, Gommaa Konkolaattotaa akkasumas Midhaan Dibataa, Midhaan Dheedhii, Bunaa fi Jimaa gara biyya Alaatti erguu irratti argama.

Yeroo ammaa dhaabbatichi sadarkaa guddinaa irra gaheen bal’anaan ummata keessa seenuun magaalota naannichaa murteessoo ta’an keessatti giddugala gurgurtaa banuun yeroodhaa gara yerootti kenniinsa tajaajilaa, qaqqabiinsaa fi bu’a argamsiisuun guddina agarsiisaa jira. Keessummattuu yeroo gabaabaadhaa as dhiyeessii fi gurgurtaa zayita nyaataa, qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaatiin sadarkaa ol’aanaatiin ummata tajaajilaa jira.

Omishaalee Keenya keessaa muraasni

Teekinoolojii Hanniisa Aduu/Soolaaarii

Omishaalee hanniisa Aduu addaaddaa kan akka ibsaa soltraatonii, sirna mana hanniisa Aduu, Maddisiisotaa humna hanniisa Aduu, friijii soolaarii, televizyinii soolaarii fi kan baroos ni dhiyeessina, omishaalees ni gurgurra, itti fayyadamuu maamiltoota keenyaa irratti amantaa ni qabna, akkasumas tajaajila gurgurtaa ni dhiyeessina.

Mashina Galmeessa Gurgurtaa

Gurgurtaa ol'aanaa fi networkii tajaajitootaa dameelee gurgurtaa keenyaa humna namaa gahumsa tekinenka gurgurtaan ijaarame quunaantii gaarii maamiltootaa fi Abaa taayitaa galiwwonii waliin akka qabaannu taasisee jira. sirnicha hoganuuf muuxannoo dheeraa fi gahaa ni qabna.

Dhiyeessii Qorichaa fi Meeshaalee wal'aansaa

Gorsa, qophii iccitee, alaa galchuu fi gurgurtaa guutuu dabalatee tajaajiloota adda addaa ni kennina.

Keemikaalota farra ilbisota Qonnaa

muxanno dheeraa keemikaalota farra ibiisaa Alaa galchuu fi biyya keessatti raabsuu hin qabna. waldaalee qonnaan bulaa bu'uuraa fi daldaltoota qonnaan bulaaf keemikaalota farra ilbiisotaa raabsan/dhiyeessan waliin ni hojjenna.

Omishaalee sibiilaa fi sibiila Armaataa

Akkaataadhuma biyyi guddattiiun Industriin Ijaarsaas ni guddata. hojiwwan ijaarsaa fi bu'uraalee mesoomaa biyyaa dhiyeessii omishaalee sibiilaa hedduminaan barbaada. Alaa galchuu fi raabsuu omishaalee sibiilaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jirra.

Buna

Maamiltoola idil addunyaa buna Itophiyaaf fedhii qaban waliin ni hojjenna. Gosa sanyii Buna "Coffee Arabica" olaantummaan kan biyya alaatti erginudha, fedhii maamiltootaa irratti hundaa'uu buna dhandhama fi mi'aa adda adda qaban ni dhiyeessina. Qulqulinaa fi gahumsa callaa dhiyeessinu irratti xiyyeeffannoo ol'aanaa kenninee ni hojjenaa.

Midhaan Dheedhii fi Midhaan dibataa

Midhaan dheedhu fi midhaan dibataa gabaa Addunyaaf ni dhiyeessina. Omisha biyya keenyaa kan ta'an midhaan dheedhii fi dibataa yeeroo irra yeroo tti guddina agarsiisaa kan jiru ta'uusatii fi kan keessatti gumaachi keenyaa ol'aanaadha.

Our Sister Companies